Gara qabiyyee deemi

MALA ADEEMSA KEENYAA

© Welthungerhilfe
© Welthungerhilfe

Beelli guutuu addunyaa keessatti rakkoo isaa rakkoolee hundaa oliiti. Haa ta’uu malee furmaata itti gochuun ni danda’ama. Mullatni Velt Hunger Hilfe addunyaa irratti namni hundinuu kabajaa horatee,  haqa qabaatee, beelaa fi hiyyuma irraa bilisa ta’ee jireenya ofiif murteeffateen jiraachuu  danda’a jedha.

Galmi tarsiimoo Welthungerhilfe bakka nuti hojjennu hundatti bara 2030 (ALG tti) beela balleessuu dha. Kunis Galma Misooma Itti Fufiinsa Qabu 2ffaa kan Biyyoota Gamtoomanii irratti hundaa’a. Qooda fudhattoota hawaasaa wajjin hojjechuudhaan biyyoota keessatti hojjennu hunda keessaa beela balleessuu barbaadna. Hojiin keenya haala ammaa fi fuulduree dhalootaa fooyyessuu irratti hundaa’a. Kana yeroo raawwannu naannoo fayyaa qabuu fi hawaasa haqa qabeessa akka horatan gochuuf isaan gargaarra.

Malawwan beela balleessuuf hojiirra oolfaman

Nuti beela addunyaa keessaa  balleessuu fi wabii nyaataa itti fufiinsa qabu uumuuf qabsoofna. Qabsoon kun qonna dirree murtaa’aa fi dhiheessa bishaan qulqulluu jajjabeessuu fi fayyaa, barnootaa fi misooma dinagdee fooyyessuudhaan dhiheessa anniisaa faalama nannoo irraa bilisa ta’e cimsuu dabalata.

© Welthungerhilfe
© Welthungerhilfe

Of danda’uu irratti cimsanii hojjechuu

Kaayyoon keenya jireenya ummataa yeroo dheeraa keessatti fooyyessuu dha. Kanaafuu akka bu’uura piriinsipila ‘of gargaaruuf gagaari’ jedhuutti hojjenna. Sagantaaleen keenya kan qopheeffaman ummatni akka jireenya isaanii irratti to’annoo qabaatanii fi akka isaan dhalli namaa nyaata argachuuf mirga qabu dhugoomfatutti aangessuudhaafi.

Malli adeemsa Welthungerhilfe hojiilee piroojektii murtaa’e tokkoo fi hojii dadammaqsa siyaasaa qofa irratti kan hundaa’e osoo hin taane bu’aalee safaramanii fi qooda fudhattootaaf, arjoomtotaa fi ummata naanoo piroojektii jiraniif itti gaafatama fudhachuu irratti hundaa’a.

Seenaa darbe keessatti yeroo jalqabaatiif yeroon beela balleessan dhihoo ta’eera. Akkuma warra baayyee gamtaa misoomaa keessatti hirmaataniitti fuulduratti yeroon hojii keenya barbaachisaa hin taane akka dhufu ni abdanna. Mullata keenya kana akka galmaan geenyutti nu gargaaraa; addunyaan beela irraa bilisa taate akka uumamtutti qabsoo kana keessatti hirmaadhaa.