Gara qabiyyee deemi

Waa’eeWelthungerhilfe

© Welthungerhilfe Ethiopia
© Welthungerhilfe Ethiopia

Velt Hunger Hilfen dhimmoota beelaaf ka’umsa ta’an irratti hojjechuudhaan addunyaa beelli keessaa bade uumuuf muratee hojjeta. Nuti siyaasaa fi amantii irraa bilisa taanee hojjechuudhaan Jarmanii keessatti dhaabbata gargaarsa kan dhuunfaa isa hundaa olitti guddicha taanee jirra.

Hojiileen keenya piriinsipila ‘akka of gargaarutti gargaari’ jedhu irratti kan hundaa’ee fi misoomsa itti fufiinsa qabu kan Biyoota Gamtoomanii: ‘bara 2030 tti beela balleessuu’ isa jedhuun walitti hidhata qaba. Qooda fudhattoota naannoo waliin walitti dhufeenyaan hojjechuun hawaasni akka marsaa beela fi hiyyuma keessaa ba’utti hawaasa aangessina. Hojiin keenya kunlafa irratti kan mullatu, dhugaa irratti kan hundaa’ee fi itti gaafatama kan qabu dha.

Velt Hunger Hilfen dhaabbilee qooda fudhattoota biyya keessaa fi addunyaa waliin ta’uun bara 1962 irraa eegalee biyyoota torbaatama (70) keessatti hojjetaa tureera. Faayidaan hojii kanaas ummatni jireenya isaanii ofiin bulchatanii fi haala itti fufiinsa qabuun mirga nyaata argachuuf qaban akka mirkaneeffata gochuu dha. Yeroo ammaa hojjettootni 2,450 ol ta’an ta’an kanneen biyyoota 67 keessaa walitti dhufan pirojektoota 400 ol biyyoota 37 keessatti hojii irra oolchaa jiru.

Velt Hunger Hilfen hojiilee gargaarsa atattamaa, debisanii qubsiisuu hojiilee misoomaa yeroo dheeratiin walitti qindeessa. Kanas kan godhu fedhii addaa ummatni rakkoo beelli uume keessaa bahuuf hojjetu galmaan ga’uudhaafi.

Nuti iftoomnii fi bulchiinsni qulqulluun akka jiraatutti murannoodhaan hojjenna. Tarkaanfilee kanneen akka maammultii “Welthungerhilfe”, adeemsi bulchiinsa qulqulluu keenyaa fi gabaasni keenya kan waggaa maallaqni arjoomtotaa jireenya hawaasotaa nuti waliin hojjennu irratti jijjiirama gaarii akka fidutti mirkaneessa.

Caasaa Keenya

Pirezidaantiin Jarmanii aangoorra jiru kamuu hundeeffama Velt Hunger Hilfe irraa eegalee tiksaa kabajaa ta’aa jiru. Pirezidaantiin Velt Hunger Hilfe  fi miseensotni Boordii Gorsitoota warri biroo dhaabbatichaa alatti bakka bu’u; akkasumas Boordii Hojii Raawwachiiftuu ni gorsu.  Boordiin Hojii Raawwachiiftuu yeroo isanii guutuutti fayyadamanii hojiilee Velt Hunger Hilfe ni oogganu.

Dura Taa’aa fi miseensotni Boordii warri biroo maamultii fi murtii Walgahii Waliigalaa Velt Hunger Hilfe ni hordofu. Miseensotni Pirezidantii Paarlamaa Federaalaa, ooggantoota gartulee Paarlaama Jermanii, manneen kiristaanaa fi waldaalee gartulee biroo of keessaa qabu.

Tola ooltotni Boordii Abbaa Adaraa dhimmoota qunnamtii ummataa fi gabaa irratti Boordii Gorsitootaa fi Boordii Hojii Raawwachiiftuu gorsu. Koreen Gorsitoota Sagantaa immoo dhimma sagantaa imaammataaf itti gaafatama qaba.