Gara qabiyyee deemi

Eenyu nuti?

Dhaabbanii keenya Dhaabaanni Weelthaangeerhiilfii jedhamu kun dhaabbata miti mootuummaa fayidaa fi bu’aadhaaf hin dhaabbane kan biyya Jaarman keessattii hundeeffame yoo ta’u kaayyoon dhaabata kanaas ammoo dhaabilee amantaa fi siyyaasa irraa walaba ta’edha. Dhaabbani keenya kunis ammoo bara 1962 akka lakkoofsa Awurooppattii deggersaa Dhaabbata Mootummootaa Gamtoomanii (UN) gaadisa Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa (FAO) jalatii kan hundeeffamee dha. Ergaa Hundeeffamee eegalees ammoo biyyoota 70 ol ta’an keessatti pirojektoota 9,331  ta’an gageessaa kan jiru yo ta’u deggersaa Yuuroo Biliyoona 3.71 ol argatee itiin hojjetaa kan jirudha. Qajeelchii ijoo dhaabataa Weelthaangeerhiilfii ammoo akka namoonnii wal deggaran yookaan ofiin of degaran taasisuudhaa fi deggarsa barbaachisaa kennuudha. Kana keessattis ammoo deggarsa qindoominaa dhaabilee biroo biyyaa keessa socho’aa jiranii fi kaneen biroo kannen akka qaamolee motuummaa waliin qiondoominaan hojjachuudhaan kaayyoon dhaabbatichaa akka bifa dhaabbataa ta’een itii fufsiisuudha.