Beela Xumura itti Gochuu
Qonni guutuu addunyaa oomisha nama hundaaf gahu ni oomisha. Garuu raabsiin isaa wal qixa miti. Welthungerhilfen mirga namni nyaata argachuuf qabu wiirtuu hojiilee isaa hundumaa taasisee taasiseera. Kanas kan goone galma bara 230 tti beela balleessuu misooma itti fufinsaa Biyyoota Gamtoomaniif. hojjenna waan ta’eefi.
Sababoota/Kaumsa Beelaa
Beelli waa hundaa olitti sababa hiyyumaa kan uumamu dha. Maatileen maallaqa gahaa hin qabne fayyaa isaanii eeggachuus ta’e daa’imman isaaniif akka ta’utti barnoota irra hin danda’ani.
Beelli irra guddeessaan naannolee addunyaa walakkeessa irraa gara baadiyyaatti fagaatan keessatti baayyata. Naannolee akkasiitti ummatni nyaataa fi jiruu fi jireenyaa waan oolu kan argatan uumama naannoo irraa ti. Dhimmootni wabii nyaataa hawaasa baadiyyaa biratti sababa sodaa walitti bu’insa hidhannoodhaan adeemsifamuu, balaa uumamaa fi dhiibbaa jijjiirama qilleensaa akka rooba yeroo dheeraa ykn ongeetiin caalaatti hammaata.
Biyyootni beelli itti hammaatu haalli gabaa haqa hin qabnees isaan quunnama. Gabaa addunyaa irratti gaaffiin nyaataa fi oomisha dheedhii kan qonnaaf dhihaatu wabii nyaataa fi nyaata madaalawaa maatilee baadiyyaa irratti dhiibbaa uuma. Baayyeen maatilee kanaa nyaata fayyaaf tolu bitachuu hin danda’ani.
Biyyoota kana keessatti walqixummaan dhibuun namoota hundaa gaditti hiyyeessa ta’an irratti dhageettii isaan hawaasa keessatti qabaatanii fi kabajaa isaanii ni xiqqeessa; kunis beela caalaatti ni hammeessa. Kanatti dabalee bulchiisni badaanii fi malaammaltummaan kan akka saamicha lafaa bingmisooma irratti gara gufuu uumuutti deema.
Dhiibbaa beelli uumu
Sadarkaa addunyaatti ummatni miliyoona saddeetii ol (800,000,000) ta’u beelaan hubamaa jira. Tilmaamaan kan gara biiliyoona lama (2,000,000,000) ta’u immoo viitaminii fi albuda barbaachisaa ta’an hin argatani. Kunis hanqina nyaataa beela dhokataa jedhamee beekama. Beellii fi hanqinni nyaata madaalawaa misooma naannolee irratti gufuu ta’a. Kunis ga’umsaa fi fayyaa hawaasaa irratti dhiibbaa ni qabaata. Warri hunda caalaa beelaaf saaxilaman immoo akkuma beekamu daa’immani dha
Hawaasota aadaan bulan keessatti wal caalmaan caasaan uume irraa kan ka’e dubartootni barnootaaf ykn carraa jiruu fi jireenyaa uummachuuf karaa hin atrgatani. Irra guddeessi isaanii qabeenya ofii hin qabani. Yeroo baayyee immoo hojii qonnaa isa dhiibbaa dabalataa isaanitti uumuu fi itti gaafatama daa’imman guddisuutiin qabamu. Gama birootiin immoo nyaata madaalawaa fi qulqullina ofii irratti beekumsa gahaa ijaa hin qabneef fayyaa daa’immanii irratti balaa dabala.
Nyaata madaalawaa gahaa ta’e argachuun dubartoota ulfaa, haadholii oosisanii fi daaimman umrii jalqabaa guyyoota 1,000 keessa jiraniif baayyee barbaachisaa dha. Nyaata madawaa argachuu dhabuun qaama dhibee irraa ittisu kan daa’immanii ni dadhabsiisa. Kanatti dabalee nyaata madaalwaa waliigalaa dhabuun jireenya isaanii keessatti hiri’ina qaamaa fi cimina sammuu gahaa hin taane isaanitti fida.
Dhimmoota Sababa Ta’an irratti Qabsaa’uu
Xiyyeffannoon tarsiima’aa Velt Hunger Hilfe warri hundaa caalaa hiyyummaaf saaxilame akka wabii nyaataa fi nyaata madaalawaa argatan gochuu dha. Hawaasa naannoo fi dhaabbilee qooda fudhattoota waliin walitti dhufeenyaan hojjechuudhaan pirojektootni keenya hanqina nyaataa fi sirnadinagdee furuuf hojjetu. Faayidaan kana gochuus beela hamaa, beela yeroo dheeraa fi beela dhokataa balleessuu dha. Galma kana dhugoomsuuf mala adeemsa hojii hordofnu qabna. Malootni kunis qonna naannoo murtaa’e irratti hojjetamu; mala oomishaa haala naannoo fi midhaan aadaa ummataaf tolu jajjabeessuu; dandamachuu cimsuu; yeroo jeequmsaaf hawaasa caalaatti qopheessuuf fi dhiibbaa jeequmsi fiduu danda’u hir’isuu; dandamachuu cimsuu; ummatni hacuuccaan irra gahe akka mirga ofii gaafatutti sagalee isaanii dhageessisuu dha.
MalaAdeemsa Gara Beela Balleessuu
Beelaaf sababa wantoota ta’an irratti hojjenna waan ta’eef beela sadarkaa adunyaatti balleessuuf hojileen ciccimoon hojjetamaa jiru. Wagoota dhibba lama (200) dura namoota kudhan keessaa gara sagalii tu hiyyuma hundaa gadii keessa ture. Har’a kudhan keessaa tokko. Gabaasni Velt Hunger Hilfe kan waggaa akka mullisutti waggoota 15 darban keessatti biyyoota qorannoon keessatti godhame hunda keessatti beelli gadi xiqqaateera. Fakkeenyaaf Afiriikaa keessatti waliigalatti dhibbeentaa soddomaan (%30) gadi bu’aa jira. Xumura irratti hundeeffamaa Velt Hunger Hilfe waggoota shantama (50) duraa eegalee duutii daa’immanii Addunyaa Kaabaa irratti dhibbeenta digdama (%20) irraa gara dhibbeentaa shaniitti (%5) gadi bu’ee jira.