Gara qabiyyee deemi
Emergency aid during drought in Borana, Ethiopia

Maal hojjetaa Jirra?

Dhaabaannii Weelthaangeerhiilfii sadrkaa Gaanfaa Afirikaatii Hanqinaa midhaan nyaataa dhabamsiisuu fi mirkaneesuu wabii midhaan nyaataa sadarkaa biyyotaa gaanfaa Afiriikaa keessa jiranittii mirkaneessuudhaaf kan hojjaataa jiru yoo ta’u biyyooni kunneenis ammoo biyyootaa yeroo adda addaa hanqina robaatiif kanneen saaxilamanii fi goginsaan/oongedhaan akkasumaas ammoo sabaabiilee jijjirama qileensaatiin kanneen miidhamaa jiraniidha.

Biyya Itiyoophiyaa keessatis ammoo Weelthaangeerhiilfii kun sadarkaa Manneen jireenyaa dhuunfaatti sagantaalee adda adaa sekterrotaa ittiin qindeessaan faayadamuudhaan sekteroota kanneen walittii hidhachiisuudhaan akkasumas waliin qindoominaan akka hojjatan taasisuudhaan hojjetaa jira. Sekteroota adda addaa kaneen akka Waajjiraalee qonnaa, Eegumsa Naannoo, Misooma Dinagdee, WASH, barnoota Sorata nageenyaa, fi Barnootaa waajiraalee Wabii Hawasummaa akkasumaas ammoo barnootaa sooraataa seeraa qabeessaa ta’e faayyadamuu  fi dhimma Koorniyaa barbaachisan irratti barnootaa barbaachisaa ta’e kennuudhaan hojjetaa jira. Akkasumaas ammoo ittisaa balaa barnootaa barbaachisan dhiyeesuu, barnootaa dhala namummaaf deggersaa barbaachisaa ta’e taasisuu, bosona kanneen manca’an gara duraan turannitti deebisuuf fi misooma irrati hojjachudha.

Kanneen biroo qoodaa fudhatan yookaan ammoo sekterootaa biroo dhimma walfakkaatu irratti hojjatan waliin, adeemsaa kana keessattis ammoo namootaa gargaarsi kun adda durummadhaan barbaachisuuf dursa kennuudhaan deggersaa barbachisu keennuufiidhaan hubannoo fi beekumsaa naannootti argaman ogeessota teekinikaa naanichaa waliin walqunnamsiisuudhaan walittii fiduudhaan waliin qindeessuudhaan neetiiwoorkii internaashinaalii waliin walqunnamsiisuudhaan hojjetaa jira. Adeemsii Kun ammoo imaammatootaa dhimmichaa barbaachisan kan biyyaa keessaa fi kan addunyaa waliin wal-qunnamsiisudhaaf hojii keenyaaf deggersaa barbaachisaa ta’e taasisaa jira.

Biyyaa Somaalii Laandii Keessatti dhaabbanii Weelthaangeerhiilfii  rakkoolee hanqiina nyaataa naanicha keessatti argaman dhabamsiisuudhaa fi akksumaas ammoo wabii midhaan nyaataa mirkaneessuudhaaf rakkoolee adda addaa baayy’ee ulfaataa ta’an fi walxaxxoo ta’an hiikuudhaan furmaata barbaachisaa ta’e kennuufii kanneen hiyyummaadhaa  fi beelaaf sababa ta’an dhabamsiisuudhaaf hojjetaa jira. Isaan kunneenis ammoo qabeenyaalee uumamaa kunuunsuu, barnootaa baballisuu, maddaa galii baballisuu fi barsiisuu,  madaa gabaa fi kanneen biroo waliin walqabsiisuudhaan, wabii qophii ittisaa balaa hawwaasaa hojjetaa jira.

Xiyyeeffaanoon Piroojektii keenyaa namoota rakkoolee balaa oongeetiin beelaaf saaxilaman, namoota qonnaa xixiqqaadhaan jiraatan, namoota horsiisanii bulan, akkasumaas ammoo namoota fi dubaartoota yookaan daa’immaan sababiilee adda addaatiin qe’ee isaanii irraa buqqa’an irratti kan hundaa’edha.

Xiyyeeffaannoo Wabii nyaata fi Soorataa

Galma akka addunyaatti kaawanne irratti hundaa’uudhaan “beela dhabamsiisuuf bakka hojjennu maratti” sochiilee gageessaa jirruun hojiilee misoomaa dhimmoota adda addaa irratii baay’ee xiyyeeffchuudhaan, sadarkaa hawwasaattii wabii midhaan nyaata fi soorataa haala walitti fufiinsa qabu mirkaneessudhaaf hojjetaa jirra. Kanas ammoo kan jennee waamnu “Hundumaan muraasatti dhiyaachuu.”