Gara qabiyyee deemi

Weelthaangeerhiilfii Gaanfa Afiriikaa Keessatti

© Welthungerhilfe Ethiopia
© Welthungerhilfe Ethiopia

Dhaabbanii Weelthaangeerhiilfii (Hojimaata Qonnaa Jarmanitti kan galmaa’e) bara 1972 irraa eegalee Itiyoophiyaa keessatti fi 2001 irraa eegalee Somaalii Laandii kessatti kan socho’aa jiru dha. Kaayyoon galmma keenya gudichis Wabii Midhaan Nyaataa fi Qulqullina mirkaneesuudha. Hanga ammaatti gara Pirojektota 252 ta’an irraatti kan hojjetaa jiru yoo ta’u  pirojektota kanneenis mootummaa, dhaabbilee hawwasumma biyyolessaa fi kan idila adunyaa fi hawwaasa xiyyefannoon keennameef waliin wal ta’udhaan kan hojjetuudha. Waajjirri Dhaabatichaa kan Biyyoota Gaanfa Afrikaa ammoo Magaalaa Finfiinee keessaatti kan argamuu fi yeroo ammaas hojjattoota 41 qaba. Akkasumaas ammoo Jimmaa, Yaaballoo, Tulluu Boolloo, Dabira Maarqos fi Affaar ttii waajjiraalee shan qaba. Waajjirrii Sagaantaa Somaalii Laandii Hargeessaa keessatti kan argamuu fi yeroo ammaa hojjettoota 53 qabatee socho’aa kan jiruudha.

Beela Gaanfa Afiriikaa Xumuruu

Dhaabati Weelthaangeerhiilfii  beela sadarkaa gaanfa Afiriikaa keessaa dhabamsiisuudhaaf socho’aa jira, kanas ammoo qabatamaadhaan sochiilee qonnaa barbaachisaa ta’e haala barbaadameen faayyeesuu fi  manaajimaantii qabeenyaalee uumamaa haala barbaadameen mirkaneesuudhaan xiyyeeffatee hojjechaa jira.  Namootaa Xiyyeeffaannoo Kennameefi irratti hojjatamaa jiruuf oomishaa fi oomishtummaa baballisuudhaan wabii midhaan nyaataa omishni hangi barbaadame akka argamuu danda’u gochuudhaan hojjata. Akkasumas ammoo haalaa soorataa irratti akka muuxaanoo waaliif qoodan taasisuudhaan akka wabiin soorataa haala barbaadameen mirkaneefamu gochuun barbaachisaa waan ta’ee xiyyeffaannoodhaan irrattii hojjetaa jira.

Emergency aid during drought in Borana, Ethiopia

Waa’ee Sagantaa fi pirojektii keenyaa baruu yoo barbaddan

Tooftaan inni biroo ammoo carraa Hojiilee addaa addaa uumuu baballisuudhaan waan ta’eef kanarratts xiyyeffanoodhaan hojjetaa jira. Kannaafuu dhaabbannii Weelthaangeerhiilfii Gaanfaa Afirikaa keessattii dhimmootaa hawwaasaa, misoomaa Dinaagdee, sagaantaa carraawwaan adda addaa uumuudhaan akka namoonnii irratti xiyyeefatamee hojjatamaa jiraan fayyadamtoota ta’an hojjetaa kan jiruudha.

Sochiileen Misoomaa kunis ammoo gargaarsa Dhala Namuummaa Weelthaangeerhiilfii  irratti xiyyeeffatee kan dalagaa jirudha.

Kana Malees ammo dabalataan dhabbanni Weelthaangeerhiilfii kun wabii nyaataa fi nyaata Madaalaawaa akka dhallii namaa haala itii fufiinsa qabuun argatu taasisuudhaafis hojjetaa jira.